Biiftuu Urjii – Hinseenem

Hin seeneem Haacaaluu anattuu’n fakkaanne
Lubbuukeen nidaldaluu tasayyuu hin yaanne
Sichi barreessitee sarartee walaloo
Sagalee qarattee tolfattee yeedaloo
Barootaaf sirbitee barootaaf geerartaa
Sichiyyuu dhaadattee diina sodaachistaa
Hinumaa hidhattee galtoota faccistaa
Jedheen yaade malee yaa ilma Hundeessaa
Akkam guyyaa tokkoon dhabamta nukeessaa?

‘Nagaatti’ siin jedhee ani sin gaggeessu
‘Nan dhufa’ Haceekoo siin eessa sigeessu?
Bakka ati lixxe hinbeeku anisoo
Maaloo natti himi Ginciimoo Gullisoo
Baabbichoo moo Najjoo, Horroo moo Walisoo
Erga ati deemte dhufeetan silaalaa
Haceekoo eessa jirta Dadarimoo Shaallaa
Tarii yoo jiraatte Shukuteef sabbataa
Dhufee sibarbaaduu achiitii argamtaa?

Kolfiteeyyuu hinquufne joollummaan argine
Taphattee gammaddee cidhaaf hinsirbine
Otuu hinasheetiin kichuutti adamsanii
Otuu hinbilchaatiin dheedhii sicabsanii
Dhuguma yoo ta’e jedhan ati hindhuftu
Naaf dhaami an nan dhufa lafa ati jirtu
Eessayyuu yoo ta’e otuu na ajajjee
Bakkan jedhun dhabe Awwadaay moo Ajjee
Sagaleekee dhabeen barbaachakee jooraa
Eessaan sidhaqanii?, jirtaa Bulee Horaa?
Shaashee moo Gudarii, Sarboomoo Machaaraa

“Eessa jirtu” jettee otuu nugaafattuu
Garaa nutti murtee waawuu hingodaantu
Diina goggogaatu dukkanaan ofdhoksee
Hurriin nuhaguugee siin nujalaa maksee
“Haacaaluu awwaallee” jedhanii odeessu
Biyyoon hindiddumoo qaamakee liqimsuu?
Eenyummoo sii boo’ee eenyu siif boochise?
Eenyu sidabaalee eenyutu sigeggeesse??

Lakki hinamanu ati hinduune jirta
Yoona dhakotteetu gufuu karaa jirta
Hinjirtuukee didee barbaachikee naa gamte
Tariimmoo sin argaa yoon dhufe Naqamtee
Gindhiiri moo Roobee, Hammayya moo Meettaa
Eessa garam lixxe, Leemman moo Sulultaa?
Bakkuma naaf dhaamtee yoo jettes na eegii
Sidurseetin dhaqa Dodolas haa ta’u Jalduu ykn Beegii

Yoo waamtun dhaga’eem goloota Oromiyaa
Kamtummoo siif ta’ee Hacee qaalii biyyaa
Liiban Cuqqaalaatii, Maqii moo Gaalessaa
Naaf himi Haacaaluu Afuurrikee eessaa?
Gindoof Dambidoolloo yoon dhaqe jirtamoo?
Seenee sibarbaaduu bosona Cillimoo?
Finfinnee sifiduu handhuura biyyakee
Moo Amboon sigeessu lafa handhuurakee
Otuun sibarbaaduu Oromiyaa marsee
Nan argadhaa laata isicha sidhokse
Hamman lubbuun jiru barbaachakee hindhaabu
Du’a siwaraante isarra hagan dhaabu
Atis hindu’iini boqadhu Gootakoo
Ergaakee qaqqabsee nan dhufa gaaf tokko!

HAACAALUU HUNDEESSAA 2 July 2020💔💔💔
Ana Biiftuu Nagoo Urjii😭😭😭😭😭😭

Haacaaluun Maal Sirbe?

Margaafi Haacaaluu

Maalan Jiraa (Haacaaluu Hundeessaa)
Farda Maqaa hinqabne (A Horse with No Name)


Yoon sirba kana dhagahu, sirba Ameerkaatti bara 1973 sirbamen kan “A Horse With No Name” jedhun yaadadha. Keessattuummoo Maalan Jiraan jecha qoola dubbii (Metaphorical expression) tiin Haacaaluun Farda Siidaa Kafanii, Siidaa Dabaleen Sooree, jedhunan walitti fidee ergaa cimaa qaba.

Fardi Siidaa Kafanii kun maali?

Artistiin tokko saba sirbuufiif sana dursee deemuu qaba, jechoonni inni itti fayyadamu kan abbumti fe’e haasa’uu ta’uu hin qabu. Walaloofi jechamoonni namoonni Aartii keessa jiran kan filataman ta’uu qaba. Yoo kun hin taane Aartiin keenya hin guddatu, akka mataa Armaa gad-deemaa bula. Afaan sunis hin guddatu. Aartistiin tokkos kanaan warra kaan irraa adda baha.

Haacaaluunis kanaarraa ka’eetu, waan hardhaarraa ilaale, waan boruummoo raage, waan raage sanammoo ni sirbe. Wellisaas haa jennuu Aartistiin uumee yookaan qalaqa mataa isaaniin hojjatan baay’een kan hardhaarra dhaabbatanii kan boruu raagu.

Fakkeenyaaf Tsaggaayee Daandanaa waggaa 11 dura Booleef Garjiinis kanuma keenya jedhee sirbe. Waggaa 11 duras hardhas Finfinneen kanuma keenya. Garuu Sayyoo waan raage qaba.
Haacaaluunis Maalan Jiraa keessatti dubatti deebi’ee seenaa, hardhaarraa taa’ee immoo rakkoo Oromoon itti jiruf jiraatu, kan borummoo raagee waan Oromootti deemu sirbe.

Kanaaf Maalaan Jiraan jaalatame. Sirba kana Website irraatti waggaa tokko dura namni Miliyeenni sadii ol akka daawwate argeen ture; amma garuu hin beeku.


Farda Siidaa Kafanii(A Horse with No Name)

Fardi Siidaa Kafanii, Fardi Bakar Waaree, Fardi Hasanuu Wadaayiifi kanneen biroo Oromoo biratti Fardeen seenaa guddaa qabaniidha. Goonni gaafa booji’amu,dursa meeshaa inni ittin gootummaa isaa muldhisetu irraa fudhatama.
Dabalee irraa Fardasaatu fudhatame, Hasanuu Wadaay garuu gaafa booji’amuusaa beeku durseetu Eeboofi Gaachana(Waantaa) isaa awwaalee, Farda isaammoo ajjeesee dhumarratti ofis ajjeese. Oromoon goota akkasii faa’aa qaba.

Fardi Hasanuu Wadaay Kuraaraan akkasiin du’e, garuu hardha Siidaa hin qabu. Oromoon Kuraaraaf Siidaa dhaabuu dadhabus ni sirbeef.
Ya Sukaattalii obbii
Ya Kuraaraa Leemmanii
Nama jaalatee dhabee
Kan gumaata geessanii, Jedhaniitu Farda Hasanuu Wadaay Kuraaraaf sirbani.

Fardi Siidaa Dabalee har’a Hacaaluun ittiin sirbe immoo ni booji’ame, garuu hardha Siidaa qaba. Siidaa sobaa. Sidaan hardha Finfinnee Biribbisaa Gooroo dhaabbatee, yoo ilaalluu ijji keenyaa dhiigaa uffaatee garaan keenya gubatu, yaadannoo isaati. Siidaa Minilkiif dhaabbate kanarraa osoo isa cabsaanii Farda sana qofaa achi kaa’anii silaa akkam bareeda ture.


Farda Siidaa kafanii
Siidaa Dabaleen Sooree
Erga nu daangessaanii
Barri turee bubbulee


Oromoon Fardaa Sangaan isaa gaafa du’e baasee Joobira ykn Rummichaaf hin kennu, Kafanee Awwaala akka namaatti. Cabsuma walaloo kana keessatti bo’oo walaloo erga nu daangeessanii barri turee bubbule jedhutu jira.

Diiganii gaara sanaa
Gaara diigamuu hin mallee
Nu baasan addaan baanee
Nut addaan bahuu hin mallee

Dhugaadha erga nu daangessanii barri turee bubbuleera. Bara 2004tti yoo nuuf gaara Daalatti Gullalleen irraatti sirna Gadaa isaa deemsifataa ture, Lafa Ibsaan Booqaa Birraa itti gubaamaa ture Mijjiirii Gullallee hardha Araadaa Giyoorgis jedhaanii Siidaa irra dhaaban irraa addaan nu qoodanii daangaa nutti godhani.
Oromoon gaafa sanarraa ka’eetu Lafa Oromoo OPDOtti amanuu dhiise.
Walaloon inni biraa dubbii qoolaa qabu tokkommoo Qotiyyoo Abbaan didaa isa jedhudha.
Qotiyyoo Abbaan didaa
Yaa didaa Harqoota keessaa
Qorra baraan dadhabee
Mormakee jalattaan dheessaa

Oromoon gaafa Mammaaku ‘Jabaa “Giddii” Jaalatu’ jedha. Jabaa hidhaniitu mana hidhaa keessattis isa sodaatu. Dallaa mukaafi namaatiin isa eegu. Ajjeesanituu maqaa isaaniitiin nu ajjeesu jedhanii irriba malee bulu.

Didaan yoomuu didadaadha. Mee korma Loonii ilaalaa, Harqoota keessattis huma dida. Garanaa garasiin mormi isaa Loloosoon marfamus didee ciisa. Kanaaf gaafa dubbiin dhufte didaa jalatti dheessuu, itti dheessaanii dhaabbatanii hin rukuchiisani irra dhaqanii rukutamu malee. Kanaafi kan Haacaaluun qorra baraan dadhabee morma kee jalattin dheessa jedheefi.

Qorri baraa maali, roorroodhaa? Mormama kee jalattan dheessanoo maali? Irree dhiiraatii laata?
Sululta Loon hin tiksuu
Darabatti galcheeraa
Yooman dhufee si argaa
An sirraa fagoon jiraa


Qotee qotee namchi
Sanyii darbatee
Rafeen bulu namni
Waan hormaa abdatee


Gullalleen kan Tufaa-Laal Galootoo
Gaara Abbichuu turii-Laal Galootoo
Galan Finfinnee maarsee-Laal Galootoo
Silakka jaalalaa-Laal Galootoo


Soorettii haadha sooree
Hirbaanni irrabuusa qabaa
Seeqanii sesseeqanii
Kan gargar nu baase jaraa


Walaloon biraa ergaa guddaa qabdu kan tokkummaa Oromoo keessatti Itichituu cabsaa sirba kanaati.
Waddeessi ciraa gubee
Amborraan calaqqisee
Narraa fagaatte jedhee
Si yaaduun kiyya Yoom hafee…

Narraa fagaatte jedhee siyaaduun kiyya yoom hafe. Eenyutu osoo yaannuu nurraa fagaate. Oromoon hunduu ni beeka Abbaan yaadamu sun garuu beekaa laata? Ani hin beeku. Hiikaan sirba kanaa inni biraa Finfinneen Oromoo baay’ee irraa fagaattus ishee yaaduun isaanii yoom hafeedha. Gaafa Finfinneen tuqamu Booranni tuqame, Beegirraan dubbiin dhalate, Cinaaksan immoo mataatu dhukkube. Kanaaf Finfinneen keenya jedhee morme, lafa isaatiif namni kumaatamni dhume. Tokkummaan Oromoos ni muldhate.


Cuwaa cufaa jettii
Simbirroon halkanii
Nama garaan dhaane
Dirmammuun arganii


Walaloon biraa kan sirbaafi mammaaksa Aadaa ta’ee Oromoo bira jiru kan nama garaan dhaane dirmammuu hin arganii jedhu kana. Namni Ani Oromoodha jedhu yoo Oromoo dhaanu dirmammuun Oromoo itti muldhachuu dhabuudha.
Garaan keenya waan fedhe nu godha, Onnee keenya reebeetu keessa keenya guba.

Maalan jiraa sirba yoomiyyuu irraa hin darbine. Long life for Hachalu Hundessa!

Haacaaluun hardha maalitti jira, maaltummoo harka jira?

Copha Sammuurraa!
Margaa Angaasuu Amanaa
Of-beekuun injifannoo injifannoo caaluudha!
Wednesday, September, 06/2017

Siyaasa: Obbo Daawud Ibsaa

HD ABO, Daawud Ibsaa

KAH: Waxabajjii 28, 2020

Haasaw HD ABO Daawud Ibsaa FIB taasisan keessaa kan fudhatame.

– Itoophiyaafi Oromoo gidduu lola guddaatu yeroo dheeraaf deemaa ture. Lolli kun akka dhumatu mootummaaf dhiyeessinee walta’insi sun gufate.
– Mootummaan Itoophiyaa yeroo baayyee Oromoo gane. Sun haga ammaatti Oromootti rakkoo fide.
– Nageenya amma Oromiyaa keessatti boora’eef mootummaan waliigaltee Asmaraatti taasifne haalee holola fayyadamee lola itti fufuudha.
– Mootummaan walga’ii Jimmatti taasifateen booda walga’ii godhatee ‘ABO dadhabsiisuu ykn facaasuu qabna’ jedhee murteeffate. Sanaan lola nurratti labsani. Nuun dadhabsiisuuf ‘yeroo gabaabaatti fixna’ jedhanii lola seenanii xumuruu dadhaban.
– Rakkoo walxaxaa kana keessatti gareen ‘Eegdota Warraaqsa Oromiyaa’ jedhu ibsa Fulbaana 20/2019 baaseen ‘mootummaan nu ganeera, mootummaan kun shororkeessaadha, kana waan ta’eef gaafatama Oromiyaa keessaa ofitti fudhadheera’ kan jedhu labse. Ibsa kana booda keessoo mootummaatti garee lama kan fakkaatu uumamee gaaffii nutti ta’e.
– Gaaddisni Hoggansa Oromoo akka nuti feenutti hin ijaaramne. Haala dura mari’anne dhiisanii maqaa kana labsani. Hoggansa Gaaddisa kanaas ofumaa nuuf filani. Lammaa Magarsaa filanii guyyaa lama booda Abiy dhufee ‘anatu hoggana’ jedhe.
– Lolli Oromiyaa keessatti ta’aa jiru sirna mootummaa Itoophiyaa fi warra sirna kana mormu gidduutti kan ta’udha malee Oromoofi Oromoo gidduu miti.
– Mootummaan amma jiru mootummaa Itoophiyaati malee mootummaa Oromoon ofiisaa dhaabbate miti.
– Kaayyoon ABO akkuma duraatti jira. Oromiyaa bilisaa sabni Oromoo mirga hiree murteeffannaasaatiin argatu dhugoomsuun akkuma jirutti jira.
– Yoo dimokiraasiifi filmaanni haqaa jiraate Oromoon yoo barbaade haala bilisummaasaatti hin buuneen saboota kaan waliin jiraata. Yoo fedhe mootummaa mataasaa ijaarrata. Kana uummatichatu murteeffata.
– ‘Sirna federaalizimii qofatu sii ta’a jedhanii uummata daangessuun mirga hiree murteeffannaa sabootaa ukkaamsuudha.
– Nuti (ABOn) KFO waliin hariiroo yeroo dheeraa qabna. Sana ammas itti fufnee hojjechaa jirra. Yoo filmaanni ta’e akkamitti akka geggeessinu, haala itti wal utubnu hunda fixannee jirra.
– Dhimma filannoorratti murtoo manni maree federeeshinii murteesse sana nuti hin fudhannu. Karaa keenya furmaata ta’a kan jennu keenyeerra. Yoo mootummaan furmaata kana fudhachuu didee itti fufe filannoo baayyee kan ittiin dura dhaabbannu qabna.
– Hidha laga Abbayyaan wal qabatee lolli Itoophiyaafi Misir gidduutti geggeeffamu hin jiru. Maqaa sanaan uummata of jala hiriirsuuf tapha siyaasaafi dipilomaasii geggeeffamaa jirudha jennee amanna.
– Mootummaan danqaa keessoosaa jiru dhoksee ajandaasaa qofa geggeeffachuuf dhiibbaa gochuu dhaabuu qaba.
– Lolli deemaa jiru Oromiyaa guutuutti deemaa jira. Akka waan Lixaafi Kibba qofa jiruutti ibsuufi fudhachuun sirrii miti.” jedhan Jaal Daawud Ibsaa!

Biqilaa Amanuu’tin

Barnoota: Kadiir Sh/Abdullaxiif

Barnoota (Education)

HEGEREE KEENNAAF MAAL YAANNA?

  1. RAKKOO DHALOOTA AMMAA

Qaroomuu jechuun deebi’anii gabroomuu jechuu miti. Nuyiif wanti hingalin hedduu jira. Inni waan hojjannuufi dhiifnu adda baafachuu dhabuu keenna. Sababaan kanaas;

Hojii humnaa olii gahuumsa, muuxannoofi ogummaa malee hojjanna.
Dhageettiifi odeeffannoon qofaan murtii kennina. Obsuufi ragaa itti kennuu, itti barbaaduu dhiifnee muddamna.
Gahee hojii keennan ala olhiixanna. Osoo nun galchin wantoota adda addaa keessa galla. Siyaasaa barannee, waa’ee biraa hojjanna, dubbanna, xiinxalina. Ogummaa keennaafi hojii keenna walmadaalchisuun nuufin galle.
Hojii keenna Siyaasaafi Siyaasa qofa godhanne. Hojii ufii keenna ittiin jijjiirru, maatiin gargaarru, biyyaaf ittiin yaannu bocannee lafaa hinqabnu. Nutti dhufee jennaan hillim itti jenna. Ufqusatuun, hegeree ilaaluun, har’a xiinxaluun, kaleessa yaadachuun nudhibe.
Amantii keessa gallee borcina. Suuraa walii balleessina. Arrabaan gadoo waliif keenna. Wal araarfachuu caala, walitti bu’uu filanna.

  1. FURMAATA DHALOOTA AMMAAF OOLU

Rakkooleen amma akka salphaatti dubbannu, barreessinuufi deeggarru kuni hegeree keenna miidhuu danda’a. Akkuma warri durii afoola afaaniin daddarbu nuun dhaqqabe hegeree keenna ilaallataa yoo hindeemne, dhaloota (laabata) dhufuuf waan gaarii lafa kaayuu hindandeennu. Kanaafis furmaanni;
<<< Erga dhalannee lafa geennee nama taanee booda, barnoota baratuudha. Sun dhabnus ammarraa eegallee baratuudha. Barnoota yeroon hindaangessu. Barnoonni nutti qaalayee, beekamee, nuuf mul’atuu dhabee malee fayyummaa sammuu keennaaf akkuma vitaaminaa nubarbaachisa. Sochii guyyaa guyyaan goonu keessatti barnoonni murteessaadha. Barnoota ammayyaafi Amantaa qabaachuun yeroo hunda wacaaf osoo hintaane, ragaa isaa qabannee akka deeggarru, gaafannu, deebifnu, barannu, barsiifnu, araarsinu nutaasisa. Kanaaf furmaanni dhala namaa baratuudha.
<<< Yeroo tokkotti hojii baay’ee hojjatuu dhiisuu. Ganama xiinxalaa siyaasaa, waaree barsiisaa, guyyaa Doktora, waarii hoogganaa, galgala jeeqamaa nama arrabsu tahuun nuunin malu. Ogummaa, gahuumsaafi humna qabnuun hojii gosa tokkoofi dabalata xiqqoo hojjatuudha.
<<< Nama bakka hundaa mul’atee ani bakka mara jira jedhu tahuu dhiisuu. Wanti akkasii sillee, hawaasa keellee nimiidha. Carraa namaa kennuu sidhoorga. Sillee hojii dhoorga. Akka hegeree keetiif kennaa kennitee hindeemne sigodha. Yeroo keettu baraaxaya. Ufis yeroo keetis qusadhuu, ufitti fayyadami.
<<< Nama Siyaasaa maraan tahuun hin malu. Garuu Siyaasaa cimaa tokko deeggaruufi tumsuun gahaadha. Isas kan sirnaan biyya hoogganuufi ceesisuu danda’u. Nama kiyya, fira jennee osoo hintaane, ilaalcha inni hooggansa keessatti qabuun deeggaruudha.
<<< Akka Saba Oromoo tokkootti sammuu guddaa qabaachudha. Sammuu ilaalcha, amantiilee, saalaa, sabootaa, sablammoota, ummatootaa, barnootaa, diinagdee biyyaa, hawaasummaa, Siyaasaafi hariiroo sirnaan madaaluufi beekuu nama danda’u tahuudha. Kana yoo goote ufiis, namas, biyyas miidhaa irraa gama keetiin nibaraarta. Kan akka keetii hedduu oomishta.

Har’a kanumaan nugaya. Share godhaa firaafi hiriyyoota keessaniif qoodaa.
Waxabajjii 26, 2019
Kadiir Abdullaxiif Hajjii

Oduu: Obaamaa Keer

KAH: Wax. 26, 2020

Pireezdaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Manni Murtii Waliigalaa biyyattii sagantaa inshuuraansii fayyaa namoota hedduuf tajaajilu kennu; Oobaamaa Keera akka adda kutu gaafatan.

Tajaajjilli Oobaamaa Keer Iniisheetiiv, sagantaa mootummaa baasii olaanaa baasisu jechuun manni murtii akka adda kutu gaafataniiru. Pireezdaanti Tiraampi, bakka sagantichaa tajaajila inshuuraansii fayyaa haaraa qopheessuuf karoorfachuu dubbataniiru.

Morkataan Tiraampi, Joo Baaydan ammoo yaada isaanii kana balaalleefataniiru. Joo Baaydan, karoorri Tiraampi kun karoora jireenya lammiilee Ameerikaa hedduu balaaf saaxilu karoora hin barbaachifneedha jedhan.

Bara hooggansa Baaraak Oobaamaa kan eegale, Oobaamaa Keer Iniisheetiiviin lammiilee miiliyoona 20tti hiiqaniif tajaajila Inshuraansii fayyaa laata. Manni Murtii biyyattii yaada Tiraampi fudhachuun hojiirra kan oolchu taanaan, namoonni miiliyoonni 20 rakkoof saaxilamuu danda’u jedhameera. Kunis koroonaatti dabalamee biyyattiitti rakkoo fayyaa hammaataa qaqqabsiisuu akka danda’u ibsameera jechuun BBCn gabaaseera.